Tajaajilli Odeeffannoo fi nageenya biyyaalessaa Tajaajila Nageenya waliigalaa Sudaan waliin waliigaltee mallatteesse

Finfinnee, Sadaasa 12, 2015 (FBC) – Tajaajilli Odeeffannoo fi nageenya biyyaalessaa waliigaltee Tajaajila Nageenya waliigalaa Sudaan waliin hojjechuuf dandeessisu mallatteesseera.

Jilli Daayreektara Jeneraalaa Tajaajila Odeeffannoo fi nageenya Biyyaalessaa Obbo Tamasgeen Xirunahiin durfamu Daayrektara Jeneraalaa Tajaajila Nageenya waliigalaa Sudaan Ahimad Ibraahiim Alii Mufddiinii fi hoggantoota olaanoo dhaabbatichaa biroo waliin dhimmoota nageenyarratti Sudaan Kaartumitti mari’ataniiru.

Dhaabbileen lameen dhimma nageenyarratti hariiroo qaban cimsuun waloon hojjechuun nageenyaa fi tasgabbii ummattoota biyyoota lamaanii mirkaneessuuf qooda olaanaa qabaachuu marichaan ka’eera.

Dhimmoota waloo ta’anirratti odeeffannoo waljijjiiruu fi tumsaan hojjechuuf sanada waliigaltee mallatteessaniiru.

Nageenya lammiilee biyyoota lamaanii mirkaneessuuf qaamolee nageenya ummattotaa biyyoota lamaanii booressan waloon ittisuuf waliigalteerra ga’amuu ibsameera.

Jilichi daawwannaa hojii guyyoota lamaaf Kaartumitti taasiisuun Dura Taa’aa Mana Maree Birmadummaa Sudaan Abdulfattaa Alburraahinii fi hoggantoota biroo waliin kan mari’atu ta’uu tajaajilichi ibsa miidiyaaleef ergeen himeera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment