Finfinnee, Caamsaa 14, 2015(FBC)- Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa Dhaabbata Odeeffannoo Jarman waliin tumsaan hojjechuuf waliigaltee mallatteessuu ibsame.
Jilli Daayrektara Olaanaa Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa Obbo Tamsgeen Xuruneen durfamu jila garee Dhaabbata Nageenya Odeeffannoo Jarman waliin dhimmoota naannawaa, idil addunyaafi yeroorratti marii bal’aa taasisuu eerameera.
Marichaan booda dhaabbileen lameen leenjii ijaarsa dandeettii dhimmoota waloorratti waliin hojjechuu isaan dandeessisu taasisuuf waliigaluu ibsameera.
Dhaabbileen lameen shororkeessummaa, daddabarsa maallaqaafi namaa seeraan alaa akkasumas yakkoota biroo waliin ittisuuf odeeffannoo waljijjiiruuf waliigaluu ibsa Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa Faanaa Biroodkaastiing Koorporeetiif ergeen eerameera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.