Tajaajilli Mana Kitaabaa fi Hadarsa Biyyaalessaa manneen dubbisaa godina Baalee 15’f kitaabilee gumaache

Finfinnee, Eebila 29, 2014 (FBC) – Tajaajilli Mana Kitaabaa fi Hadarsa Biyyaalessaa manneen dubbisaa godina Baalee 15’f kitaabilee gumaacheera.

Tajaajilichi galmeessa seenaa fi hambaalee irratti hajjachaa jiraachuu  Daayreektarri ol’aanaan Tajaajilichaa Yuukno’amlaak  Mazgabuu himaniiru.

Sadrakaa biyyaaleessaatti tajaajila mana kitaabaa  Magaalaa finfinneetti hawaasaaf kennaa jiraachuu ibsuun,  hawaasa mana kitaabaa giddugaleessaatti fayyadamuu hin dandeenyeef ammoo aadaa dubbisuu jajjabeessuf sosochii dubbisuu guutuu biyyattiitti gaggeessa jiraachuu eeraniiru.

Kaayyoon walltajjii Sosochii dubbisaa Waajjira aadaaf Tuurizimii godina Baalee fi  Yuunvarsiitii Madda Walaabuu waliin ta’uun magaalaa Roobee fi Gobbaatti qophaa’es  aadaa dubbisu  jajjabessuuf ta’u kaasaniiru.

Kitaabileen tajaajilichi gumaache Birrii miliyoona 1.2 tti tilmaaman manneen dubbisaa godinichaa 15’f raabsamuu fi  kanneen keessaa kitaabileen Afaan Oromoo 163 keessatti argamuu eeraniiru.

Gumaacha kitaabaa taasifameef galateeffachuun hawaasni aadaa dubbisuu gabbiffachuun eenyumaa fi seenaa isaa barachuuf akka itti fayadamu Itti aanaan kantiibaa magaalaa Roobee Sulxaan Hasan dhaamaniiru.

Muluu Waaqshuumeetu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment