Tajaajilli lamummaa seektara barnootaa naannoo Oromiyaa eegalame

Finfinnee, Adooleessa 4, 2013 (FBC) – Hojiin tajaajila lammummaa seektara barnoota Oromiyaa har’a bakka Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa argamanitti magaalaa Bishooftuutti eegalameera.

Hojii tajaajila lammummaa kanaan manneen Barumsaa Bu’uura Boruu kumni 3 ni ijaaraman jedhameera.

Ga’eessota miiliyoona 3 ta’an barsiisuuf karoorfamuu ibsameera.

Dareewwan dabalataa kuma 8 fi 170 ijaaruuf karoorfamuus himameera.

Kitaaboota wabii miiliyoona 3 walitti qabuuf karoorfamee guyyaa har’aa kitaabilee fi maallaqa kitaabbileen ittiin bitaman dhaabbilee adda addaa irraa walitti qabamaa jiraachuu ibsameera.

Seektarichi biqiltuuwwan miiliyoona 91.5 dhaabuuf qophii taasiisuu eerameera.

Naannoo Horsiisee bulaatti Manneen jireenya barsiisotaa kuma 7 kan ijaaraman yoo ta’u, Manneen Barumsaa moofaan kumn1 fi 775 ni haaromu jedhame

Manneen Baruumsaa kuma 3 fi 654 tajaajila Elektirikaa guutuuf, Manneen Baruumsaa kuma 3 fi 31f ammoo bishaan galchuuf kan hojjatamu ta’uu ibsameera.

Sagantaa kanarratti obbo Shimallis Abdiisaa fi Ministira Ministeera Barnootaa Dooktar Injinar Geetahuun Makuriyaa dabalatee hoggantoonni mootummaa federaalaa fi naannoo argamaniiru.

Tizzitaz Dassaalenyitu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment