Tajaajilli Kominikeeshinii mootummaa ergama biyyaalessaa milkeessuu fi tokkummaa sabdaneessaa cimsuuf xiyyeeffannoon ni hojjeta – TKM

Finfinnee, Bitootessa 10, 2014 (FBC) –Tajaajilli Kominikeeshinii mootummaa ergama biyyaalessaa milkeessuu fi tokkummaa sabdaneessaa cimsuuf xiyyeeffannoon kan hojjetu ta’uu beeksiise.

Tajaajjilli Kominikeeshinii Mootummaa waltajjii tajaajiloota ummataaf laatamu irratti hubannoo uumuuf gargaaru magaalaa Bishooftuutti gaggeesseera.

Qajeelfamaa fi hojmaata waliigalaa Tajaajilli Kominikeeshinii mootummaa qopheesse milkeessuuf qaamolee dhaabbaticha jalatti argaman waliin mariin taasiifamuu Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii mootummaa Dooktar Laggasee Tulluun ibsaniiru.

Qaamileen Kominikeeshinii dhaabbilee miidiyaa waliin haala caalmaatti walitti dhiyeenyaan hojjechuu danda’aniif waltajjiin qophaa’e yoo ta’uu eeraniiru.

Tokkummaan sabdaneessaa akka cimuuf dhaabbatichi murannoon kan hojjetu ta’uu dubbataniiru.

Kaayyoon Miidiyaalee fi qaamolee kominikeeshinii hawaasa odeeffannoon badhaadhe uumuu ta’uu isaan tumsaan hojjechuu akka qaban hoggantoonni dhaabbilee miidiyaa yaada laataniin ibsaniiru.

Lammiileen yaada fooyya’aa qabaachuun biyyaaf akka hojjetan qoodni qaamolee kominikeeshinii fi miidiyaa olaanaa ta’uu hirmaattoonni waltajjichaa ibsaniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment