Tajaajilli gorsa walabaa sadarkaa naannoo Oromiyaatti hundeeffame

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2013 (FBC)- Komishiiniin Poolisii Oromiyaa Naannichatti nageenyi waaraan akka jiraatuu fi olaantummaan seeraa akka kabajamuuf hawaasa hirmaachsuudhaan hojiilee gurguddoo hojjechaa tureera,ammas hojjechaa jira jedhameera.
Hojii kana daran cimsuuf hirmaannaan hawaasaa fi qooda fudhattootaa murteessaa ta’usaatiin gareen gorsaa walabaa abbootii amantaa,haayyota Yuunvarsiitii adda addaa fi qooda fudhattoota hawaasa keessaa hundaa’ee jira.
Koreen kun walitti dhufeeny Poolisii fi Hawaasaa akka cimu,olaantummaan seeraa akka kabajamuu fi komiin hawaasaa kennaa tajaajilaa keessatti mul’atu akka furamuuf hanga sadarkaa gandaatti poolisii waliin hojjetu.
Komishiinarri Jeneraalaa Komishiinii Poolisii Oromiyaa Araarsaa Mardaasa, tajaajilli gorsaa walabaa komishiinii poolisii Oromiyaatiif lafee dugdaa ta’uu ibsaniiru.
Kana hojitti hiikuufimmoo naamusti miseensota poolisii dhimma ijoo fi itti xiyeeffatamu ta’uu akka qabu marii kana irratti yaadachiisaniiru.
Koreen hundaa’e kun hudhaalee kennaa tajaajilaa keessatti gama Poolisiitiin mul’tan furuun walitti dhufeenya Poolisii fi Hawaasaa akka cimsus ragaan Komiishinii Poolisii Oromiyaarra argame ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment