Tajaajilli Geejjiba Baaburaa Itiyoo – Jibutii Adaamaa – Jibuutii Horii Gaanfaa geejjibsiisuu eegale

Finfinnee, Fulbaana 13, 2017 (FBC) – Tajaajilli Geejjiba Baaburaa Itiyoo – Jibutii Adaamaa – Jibuutii Horii Gaanfaa geejjibsiisuu eegaluu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan tajaajilichaa Injinar Taakkalaa Uumaan ibsan.
Har’a yeroo jalqabaaf Adaamaa – Jibuutiitti Horii Gaanfaa gabaa alaaf dhiyeessuuf geejjibsiisuun eegalamuu eeraniiru.
Tajaajilichi hojii kana eegaluun dhiibbaa Geejjiba Horii Gaanfaa ture kan hir’isuu fi Qulqullina Foon Gabaa alaaf dhiyaatuu kan dabalu ta’uu Injinar Taakkalaan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin himaniiru.
Comments (0)
Add Comment