Tajaajilli geejiba hojjettoota pabliik sarviisii konkolaattota 240 ol tajaajila taaksitiif bobbaasuu beeksise

Finfinnee, Eebila 12, 2012 (FBC) – Tajaajilli geejiba hojjettoota pabliik sarviisii konkolaattota 240 ol tajaajila taaksii magaalaa Finfinneetif bobbaasuu beeksise.

Kanneen keessaa 50 kan ta’an kaffaltii malee bilisaan tajaajila kan laatanidha.

Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf mootummaan hojjettoonni hedduun mana akka taa’an murteessus, hojjettoonni tokko tokko dhimma dhuunfaa isaanitiif tajaajila geejibichaa fayyadamaa jiraachuu irra ga’uu ibseera.

Kunis dhiibbaa akka hin uumne waajjiraalee tajaajilicha fayyadaman waliin tarkaanfii barbaachisaa kan fudhatu ta’a jedhameera.

Ogeeyyii fayyaa duursi laatamuu qabuuf tumsi akka taasifamu waliigalamuunis eerameera.

Dabalataan sa’aan bobbii tajaajila geejibaa fooyya’eera.

Haaluma kanaan hojjettoota federaalatiif bobbiin ganamaa kan sa’aa 1:30 kan itti fufu ta’a.

Tajaajilli geejibaa hojjettoota magaalaa Finfinneetif sa’aa 3:30tti ture, sa’aa 2:00tti gadi bu’eera.

Bobbii galgalaatin; hojjettoota federaalatiif sa’aa 9:30tti, hojjettoota magaalaa Finfinneetif ammoo sa’aa 11:30tti geejibaaf qophii ta’u.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment