Tajaajilli Faayinaansii Liizii Baankii Misoomaa Birrii biiliyoona 11’tti guddate

Finfinnee, Mudde 2, 2016 (FBC)- Waggoottan sadan darban Tajaajilli Faayinaansii liizii Baankii Misoomaa Itiyoophiyaa Birrii Biiliyoona 2 irraa gara Birrii Biiliyoona 11’tti guddachuun eerame.

Baankichi maamiltoota damee qonnaarratti bobba’aniif tiraaktaroora 15 (Birrii Miiliyoona 72.5tti tilmaamaman), Kombayinaroota 10 (Birrii miiliyoona 43 ol) akkasumas damee albuudaarratti kanneen bobba’aniif Iskaavaataroota 14 (Birrii miiliyoona 87 olittii tilmaamaman) tajaajila faayinaansii liizii dhiyeesseera.

Sirna walharkaa fuudhiinsaarratti Pireezidaantiin Baankichaa Dooktar Yohaannis Ayyaalewu, baankichi dameewwan qonnaa, indaastirii, albuudaa, tajaajilaa fi kanneen biroorratti lammiilee bobba’aniif deeggarsi taasisu guddina argisiisaa jiraachuu ibsaniiru.

Bara baajataa kanattis Birrii biiliyoona 51 keessaa Birrii biiliyoonni 15 damee qonnaaf kan ramadame ta’uu kaasaniiru.

Baankichi damee tajaajila faayinaansii liiziin waggootaan sadan darban Birrii biiliyoona 2 irraa gara Birrii Biiliyoona 11’tti guddachuu ibsuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment