Finfinnee, Bitootessa 12, 2014 (FBC)- Tajaajilli Elektirikaa Ityoophiyaa fi dhaabbanni Saafaariikoom kiraa utubaa Koonkiriitii irratti waliigaltee waliif mallatteessuu ibsame.
Waliigalticha hojii raawwachiisaa olaanaan tajaajila Elektirikaa Ityoophiyaa obbo Shifarraawu Taliilaa fi hojii raawwachiisaa olaanaan dhaabbata Saafaariikoom Aniwaar Soowuusaan mallatteessaniiru.
Waliigaltichi bu’uuraalee misoomaa elektirikaa tajaajila teelekoomiif fayyadamuun kan dandeessisu ta’uu obbo Shifarraawu ibsaniiru.
Bu’uuraalee misoomaa waliin fayyadamuu danda’amuun tajaajila qulqullinaa qabeessaa fi amanamaa kennuuf kan dandeessisu ta’uu eeraniiru.
Tajaajilli kiraa kun utubaawwan elektirikaa biyyattiitti diriirfaman waliin fayyadamuurra darbee galii dhaabbatichaa guddisuuf ga’ee olaanaa qabaachuu addeessaniiru.
Hojii raawwachiisaa olaanaan dhaabbata Saafaariikoom Aniwaar Soowuusaan gamasaaniin waliigaltechi qabeenya dhaabbilee lameenii waliin itti fayyadamuuf kan dandeessisuu fi faayidaa olaanaa kan qabu ta’uu eeraniiru.
Waliigaltichi hojiirra kan oolu magaalota Ityoophiyaa filataman keessatti ta’uu fi dhaabbatichi tajaajila argaturraa waggaatti utubaa tokkoof Birrii dhibba 9 fi 88.70 kan kaffalu ta’uu ragaan Tajaajila Elektirikaarraa argame ni mul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.