Finfinnee, Sadaasa 10, 2014 (FBC) – Oomishaaf oomishtummaa guddisuuf tajaajilli ekisteenshinii qonnaa jijjiirama qabatamaa galmeessisaa jiraachuu ibsameera.
Qonnaan bultootaa fi horsiise bultootaaf teekinooloojiiwwanii fi hojimaatilee fooyya’oo beeksisuuf buufataalee misoomaa kuma 14 ol ijaaruun oomishaa fi oomishtummaa akkasumas galii qonnaan bultootaa fi horsiise bultootaa dabaluuf hojjetamaa jiraachuu Ministeera Qonnaatti Daayrektarri ekisteenshinii qonnaa aadde Yaneenash Eeguu eeraniiru.
Qonnaan bultootaa fi horsiise bultootaaf leenjiin ijaarsa dandeettii fi tajaajilli gorsaa qaamolee dhimmi ilaallatu biroo waliin ta’uun kennamaa jiraachuu fi bu’aa qabatamaan dhufuu ibsaniiru.
Kanaaf agarsiistuu kan ta’u naannolee hundatti qonnaan bultoota moodela uumuun danda’amuu ibsuusaanii ragaan Ministeera Qonnaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.co/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.