Finfinnee, Amajjii 8, 2015 (FBC)- Biiroon Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa Wiirtuu tajaajila bilbila bilisaa Naannoo Oromiyaa hojii eegalchiise.
Hooggantuun Biiroo Paablik Sarvisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa Aadde Kokobee Didhaa akka ibsanitti, kaayyoon wiirtuu bilbila bilisaa hundeessuu kun, kenna tajaajilaa saffisiisuu fi ammayyeessuun tajaajila si’ataa hawaasaaf kennuuf yaadamee ta’uu himaniiru.
Hojii kanaanis komiin uummataa iftoominaa fi bilisaan kan keessummaa’udha jedhameera.
Wiirtuu tajaajila bilbila bilisaa 9398 ogeessota 12’n tajaajila kan kennuu fi guyyaatti namoota kuma 2 fi 250 ol keessummeessuu akka danda’u ragaan Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.