Tajaajilli Baankii Dhiigaa Ityoophiyaa Faanaa dabaltee arjoomtota beekamtii kenne

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2015 (FBC)- Tajaajilli Baankii Dhiigaa Ityoophiyaa Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeetiin dabalatee arjoomtota dhiigaaf beekamtii kenneera.

Sagantaa beekkamtii fi galateeffannaa kun namoota idileen dhiiga arjoomanii fi qindeessan, dhaabbilee amantaalee, waldaalee tola ooltota, dhaabbilee miidiyaa akkasumas qaamolee biroof kennameera.

Ittaanaan Daayrektaraa Tajajaila Baankii Dhiigaa Ityoophiyaa Habtaamuu Taayyeen, Dhiigni jireenya ta’uun qaamolee jireenya kennaniif galatatu mala jedhan.

Ityoophiyaatti sababa dhibeewwan daddarboo hintaaneen, da’umsaan, balaa tiraafikaa fi dhibeewwan biroon lammiilee hedduu dhiigni akka barbaachisuun ibsaniiru.

Fedhii jiru guutuufis namoonni idileen dhiiga arjooman gahee olaanaa akka qaban ibsaniiru.

Yeroo ammaa hanqinni dhiigaa olaanaan jiraachuurraan hunduu dhiiga arjoomuun lubbuu baraaruun barbaachisa jedhaniiru.

Baatiiwwan Gannaa dhufanittis, sagantaa arjooma dhiigaa gaggeeffamuu irratti akka hirmaatan waamicha dhiyeessaniiru.

Qiddisti Abaateetu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment