Tajaajilichi obbo Lidatuu Ayyaaleew Shugguxii hin hidhachiisne jedhe

Finfinnee, Hagayya 11, 2012 (FBC) – Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyoolessaa obbo Lidatuu Ayyaaleew Shugguxii hin hidhachiisne jedhe.
 
Shugguxiin obbo Lidatuun tajaajilichi na hidhachiisera jedhanis kan maqaa obbo Isaayyaas Waldagoorgisiin galmaa’e ta’uu beeksiseera.
 
Obbo Lidatuun har’a si’a sadaffaaf Mana Murtii Magaalaa Bishooftuu dhiyaataniiru.
 
Obbo Isaayyaas yerichatti itti aanaa itti gaafatamaa tajaajilichaa akka turan obbo Lidatuun ibsaniiru.
 
Obbo Lidatuun itti aanaan itti gaafatamtichaa itti gaafatama isaanii fayyadamanii Shugguxicha akka laataniifis ibsaniiru.
 
Qorataan poolisii gama isaatin Shugguxicha tajaajilichi akka isaan hin hidhachiisin ibseera.
 
Poolisiin yeroo qorannaa guyyootii 14 kan gaafate yoo ta’u, manni murtichaa guyyootii qorannaa 7 eeyyameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment