Tajaajilichi Marsariitii yaa’insa odeeffannoo diijitaalaa cimaa uumuuf dandeessisu misoomsuu ibse

Finfinnee, Sadaasa 17, 2017 (FBC) –Tajaajilli Kominikeeshinii mootummaa haala waqtaawaa biyyaalessaa fi idil addunyaa tilmaama keessa galchuun Marsariitii yaa’insa odeeffannoo diijitaalaa cimaa uumuuf dandeessisu misoomsuu ibseera.

Tajaajilichi Marsariitii Diijitaalaa Bulchiinsa Nageenyaa Odeeffannoo Biyyaalessaan misoome har’a fudhachuu himeera.

Marsariitiin kun odeeffannoowwan mootummaa saffisaan, yeroo fi itti gaafatamummaan qaqqabsiisuuf kan dandeessisu ta’uu eerameera.

Fooddaa odeeffannoowwan mootummaaa saffisaa fi qulqullinaan qaqqabsiisuuf dandeessisuudha jedhame.

Marsariitiin misoome kun odeeffannoowwan tajaajilichaa dabalataan kan dhaabbilee Federaalaa fi Kominikeeshinii naannoolee ummata biraan gahuuf sirna dandeessisu kan hammate ta’uu ragaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment