Tajaajilichi hojiin deebisanii ijaaruu buufataalee raabsaa elektirikii 8’tti gaggeessaa jiru dhiyeenyatti xumuramu jedhe

Finfinnee, Adoolessa 12, 2014 (FBC) – Buufataalee raabsaa humna elektirikii saddeetitti hojiin deebisanii ijaaruu fi dandeettii isaanii guddisuu gaggeeffamaa jiru dhiyeenyatti akka xumuramu Tajaajillii Elektirikii Ityoophiyaa beeksise.

Tajaajilichatti Hoji Gaggeessan Pirojektii Dandeettii Fooyyessuu Fi Deebisanii Ijaaruu, Raabsuu Fi Tamsaasuu Finfinnee Obbo Fiqiresalaam Geetinnat, hojiin buufataalee raabsaa deebisanii ijaaruurratti gaggeeffamaa jiru tajaajila elektirikii giddugaleessan %40 guddisa jedhan.

Dandeettiin buufataalee raabsaa Aqaaqii 1 fi 2, Abbaa Saamu’eel fi Geejjaa, giddugaleessaan dandeettii Meeggaa Vooltii 7.4 irraa gara Meeggaa Vooltii 13.5tti akka guddisu ibsaniiru.

Buufanni Raabsaa Caancoo ijaaramus Meeggaa Voolti Ampiyeerii 7.5, Injiinariingii Raayyaa Ittisaa Gaafat Meeggaa Voolti Ampiyeerii 15, buufataalee raabsaa Bishooftuu lama Meeggaa Voolti Ampiyeerii 7 akka qabatan himaniiru.

Manneen to’annoo raabsaa anniisaa, daandii, ijaarsaa utubaa dabarsaa anniisaa fi kuusaa akkasumas hojiin sululaa %80 kan xumurame yoo ta’u, dhiyeessiin meeshalee pirojektotaa kanneenis %99 ga’uu Obbo Fiqiresalaam himaniiru.

Diriirsi sarara elektirikaa buufataale elektirikaan walquunnamsiisanii % 40 xumuramuus ibsaniiru.

Pirojektoota kanneeniif Doolaarri miiliyoona 10.2 Baankii Misooma Afriikaan, Birrii miiliyoona 65 ammoo Tajaajila Elektirikii Ityoophiyaan kan uwwifamee ta’uu eeran.

Pirojektichi bara 2013 kan eegale ta’uu yaadachiisanii, bara 2015 baatii Onkoloolessaa xumuruuf hojjetaamaa jiraachuu ibsaniiru.

Pirojektichi wayita xumuramu rakkoo qisaasamaa fi addaan ciccitiinsa humna elektirikii Magaala Finfinnee fi naannawaa ishee akka hir’isuu fi sadarkaa buufataalee raabsaa akka fooyyessuu ibsu isaanii ragaan tajaajilicharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment