Tajaajilichi hoggantootaa fi hojjettoota namuusa hojii cabsan kuma 1 fi 77 irratti tarkaanfii fudhachuu beeksise

Finfinnee, Adoolessa 6, 2016 (FBC) – Tajaajilli Elektirika Itiyoophiyaa bara 2016 keessa hoggantootaa fi hojjettoota namuusa hojii cabsan kuma 1 fi 77 irratti tarkaanfii fudhachuu beeksiseera.
Tarkaanfii barreeffama of eeggannoo hanga hojiirraa gaggeessuu fudhachuu himeera.
Namoonni 88 kenniinsa tajaajilaan walqabatee namuusa hojii kan cabsan yoo ta’uu, 989 ammoo sirna hojmaataa fi qajeelfama dhaabbatichaa kabajuu dhabuun kanneen tarkaanfiin irratti fudhatame ta’uu ragaan tajaajilicharraa argame ni mul’isa.
Comments (0)
Add Comment