Tajaajilichi hawaasni odeeffannoo sirrii akka argatu hojiilee bal’aa hojjechuu akka qabu akeekame

Finfinnee, Ebla 17, 2016 (FBC)- Tajaajilli Kominikeshinii Mootumma hawaasni odeeffannoo sirri akka argatu hojiilee bal’aa hojjechuu akka qabu akeekame.

Koreen Dhaabbii Dhimmoota Diimookiraasii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa sochii hojiilee tajaajilichaa daawwachuun, hoggantoota tajaajilichaa waliin mari’ateera.

Walitti Qabaan Korichaa Obbo Iwunatuu Allanee, tajaajilli kominikeeshinii mootummaa ergaa hundeeffamee yeroo gabaabaa keessatti ce’umsi beekumsaa taasisaa jiraachuu akkasumas hojiileen jajjabeessaa hojjechuu ibsaniiru.

Fuulduratti, karooraa misoomaa, nageenyaa, bulchiinsa gaarii, tokkummaa sabdaneessuummaa akka cimuu fi ajandaalee biroo ilaalchisuun odeeffannoo sirrii hawaasaan qaqqabsiisuuf xiyyeeffannaan hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru.

Ministirri Tajaajilichaa Dooktar Laggaasaa Tulluun gama isaaniiin, dhaabbatichi biyyattiitti tajaajila kominikeeshinii fi mootummaa saffisaa fi bu’aa qabeessa taasisuuf hojjechaa jiraachuu kaasaiiru.

Dabalataan, ijaarsa dandeettii dhaabbilee fi hojjetoota miidiyaa fi kominikeeshinii, ijaarsa maqaa gaarii biyyattii fi odeeffannoo mootummaa qindaa’aa fi qaqqabaamaa taasisuuf hojjechaa jira jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment