Tajaajilichi lammiilee balaa sigiga lafaan miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 2 taasise

Finfinnee, Adoolessa 21, 2016 (FBC)- Tajaajilli Nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyaalessa Godina Goofaatti lammiilee balaa sigiga lafaan miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 2 taasise.

Daayrektarri Ittaanaa Tajaajilichaa Ristuu Yirdaan, naannawaa balichi mudateetti argamuun maatii miidhamtootaa jajjabeessaniiru.

Manni hojii tajaajilichaas lammiilee miidhaan irra ga’eef deeggarsa Birrii miiliyoona lamaa taasisuus dubbatan.

Lammiileen naannawaa sodaachisuu jiran filmaata mootumaan mijeessuun naannawichaa akka bahan taasisuuf qindoominaan kan hojjetamu ta’uu himan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment