Tajaajilaa tolaa Waqtii gannaan Birrii biiliyoona 19.3 baraaruun danda’amuu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2017 (FBC) – Sadarkaa biyyaalessaatti Tajaajilaa tolaa Waqtii gannaan qabeenya Birrii biiliyoona 19.3 baraaruun danda’amuu ibsameera.

Sagantaan cufiinsa Tajaajila Tola Ooltummaa Waqtii Gannaa bara 2016 mata duree Gaarummaa fi wakummaa olka’iinsa Itiyoophiyaaf jedhuun hojjetamaa ture sadarkaa biyyaakessaatti magaalaa Jimmaatti gaggeeffameera.

Tajaajila Tola Ooltummaa dargaggootaa waqtii Gannaa kanarraa kutaaleen hawaasaa miilyoona 52.7 fayyadamoo ta’uu Ministir Deetaan Damee Dargaggootaa Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Muunaa Ahimad ibsaniiru.

Hojii kanaan qabeenyi Birrii biiliyoona 19.3 ta’u baraaramuu dubbactaniiru.

Hojii tola ooltummaa ganna darbeen akka biyyaaleessatti dargaggootni miiliyoona 22.4 hirmaannaa taasiisuu ibsameera.

Tasfaahuun Kabbada fi Abdurrahmaan Mahammaditu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment