Tajaajila Tola Ooltummaa ganna kanaan tajaajila Birrii biiliyoona 10 baasiisu hojjechuuf ta’uu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2013 (FBC) – Tola Ooltummaa dargaggootaa ganna kanaan tajaajila Birrii biiliyoona 10 baasiisu hojjechuuf ta’uu Ministeerri Dhimma Dubartootaa, Daa’immanii fi Dargaggootaa beeksiise.
Sagantaan hojii tola ooltummaa dargaggootaa bara kana magaalaa Buttaa Jiraatti eegalameera.
Dargaggoonni miiliyoonni 18 hojii tajaajila tola ooltummaan lammiilee miiliyoona 48 fayyadamoo kan taasiisan ta’uu Ministir Deettaan Ministeera Dhimma Dubartootaa, Daa’immanii fi Dargaggootaa aadde Hiyiwat Hayileen ibsaniiru.
Tajaajila hojii tola ooltummaa kanaan hojiin Birrii biiliyoona 10 baasuu ni hojjetama jedhan.
Dameewwan tajaajilaa 12 ta’an adda ba’uusa eeraniiru.
Dhaabbiin biqiltuu, Haaromsi mana maanguddootaa, manneen barnootaa, dhiiga arjoomuun, nageenya tiraafikaa fi tajaajilli qulqullinaa dameewwan bal’inaan irratti hojjetaman ta’uu aadde Hiyiwat ibsaniiru.
Hojiin tajaajila tola ooltummaa Ityoophiyaatti aadeffamaa dhufuu himaniiru.
Sagantaa baniinsaa magaalaa Buttaa Jiraatti gaggeeffamaan hojii dhaabbii biqiltuu fi dhiiga arjoomuun raawwatameera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment