Tajaajila teeknooloojiin deeggarame laachuuf hojjetamaa jira – Dooktar Tashoomaa Addunyaa

Finfinnee, Guraandhala 29, 2015 (FBC) – Kutaalee Magaalootaa Shaggar haaraa gurmaa’anitti tajaajila Teeknooloojiin deeggarame laachuuf hojjetamaa jiraachuu Bulchiinsi magaalichaa beeksise.

Kutaaleen magaalota 7 guutummaatti bifa haaraan gurmaa’uu Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantiitti Kantibaan Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaan Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Kutaalee magaalootaa haaraa gurmaa’aan dabalatee kutaaleen magaalootaa irra deebiin gurmaa’an 12 dameewwan garaagaraan tajaajila Teeknooloojiin deeggarame akka laataniif hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Aanaalee kutaalaa magaalootaa kanneen jalatti gurmaa’aan 33 gara hojiitti galchuuf sochiin eegalamuu kaasaniiru.

Kutaalee magaalootaa hundatti hojiin galmeessa lafaa yeroo dhiyootti kan eegalamu ta’uu dubbataniiru.

Tajaajila jiraattoota magaalichaa madaalu laachuu, gaaffilee misoomaa deebisuu fi dargaggootaaf carraa hojii uumuun kallattii xiyyeeffannoo ijoo bulchiinsa magaalaa Shaggar ta’uu Dooktar Tashoomaan ibsaniiru.

Taarik Addunyaatu gabaase.

#Bulchiinsa magaalaa Shaggar

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment