Tajaajila karoora maatii waliinga’uuf waliigalteen baajata dabalataa Doolaara miiliyoona 36.3 ifoome

Finfinnee, Adoolessa 12, 2015 (FBC)-Tajajila karoora maatii waliin ga’uuf waliigalteen baajata dabalataa waggoota sadii Doolaara miiliyoona 36.3 malleettaffameera.

Walliigaltechis mootummaa fi dhaabbilee tumsitootaa gidduutti mallatteffameera.

Sirna waliigaltechaarratti Ministirri Ministeera Fayyaa Doktar Liyaa Taaddasaan, tajaajilli karoora maatii kunis xiyyeeffannaa sadarkaa biyyaalessaatti kennameen hangaa ekisteeshinii fayyaatti caasaan kan diriirfamu ta’uu himaniiru.

Tajaajilicha kan fedhan dubartoonni %22 ta’an akka jiranis eeraniiru.

Tajaajilichi bilisaan kan kennamuu fi baasiin isaas qaamole tumsitootaan kan uwwifamu ta’uu fi tumsi qaamolee tumsitootaas hir’achaa dhufuun rakkolee waliin gahiinsa tajaajilichaa gufachiisan ta’uun ibsaniiru.

Sadarkaa addunyaattis qaala’iinsa jireenyaa jirurraan hanqinni baajata galteef barbaachisu mudachuu eeraniiru.

Rakkoo kana hambisuufis, waliigalteen baajata dabalataa waggoottan sadan ittaanaaniif oolu gama mootummaan Doolara miiliyoona 11.27, qaamolee tumsitootaan Doolaara miiliyoona 24.8 waliigalaan Doolaara miiliyoona 36.3 ifoomuu fi hoji eegaluu Dooktar Liyaan ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment