Tajaajila Hospitaaloonni kennan sadarkaa ol guddisuun yaalii fayyaa dhiyeenyaan kennuuf hojjetamaa jira – BFO

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2015 (FBC) – Tajaajila Hospitaaloonni kennan sadarkaa ol guddisuun yaalii fayyaa dhiyeenyaan kennuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksise.

Biiroon Fayyaa Oromiyaa dhibeewwan daddarboo ta’aniifi daddarboo hin taane irratti xiyyeeffachuun ummataaf tajaajila yaala fayyaa kennaa jiraachuu Itti Aanaa Hogganaan Biirichaa Dooktar Bokonaa Guutaan himaniiru.

Yeroo ammaa dhibeewwan daddarboo hin taane 50% ol qaqqabuu fi ummata miidhaa jiraachuu dubbataniiru.

Dhibeewwan daddarboo hin taane yaalanii fayyisuu irratti xiyyeeffachuun hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Tajaajila fayyaa dhibeewwan daddarboo hin taane dhiyeenyaan kennuufis sadarkaa hospitaalootaa ol guddisuun meeshaalee ammayyaan guuttamaa jiraachuu kaasaniiru.

Gidduugala wallaansaa dhibeewwan daddarboo hin taane kan akka yaala kaansarii,kalee, onnee, dhiigaa, fayyaa haadholiifi daa’immanii, wal’aansa sammuu ijaaramaa kan jiran ta’uu himanii wayita tajaajila kennuu eegalanis ummataaf faayidaa guddaa kan qaban ta’uu Dooktar Bokonaan eeraniiru.

Sadarkaa hospitaalootaa ol guddisuun cinatti hospitaaloota haaraa yaala dhibeewwan daddarboo hin taane kennuu danda’an ijaaramaa jiraachuu himaniiru.

Biiriichi bara baajata 2015tti piroojektoota dhaabbilee fayyaa garaa garaa 460 Birrii biiliyoona 2.5n ijaarsisee eebbisiisuun tajaajila ummataaf banaa kan taasisu ta’uu ibsuu ragaan BKO irraa argame ni mu’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment