Tajaajila geejjibaa uummataa irratti fooyya’iinsi taariifaa taasifamuu ibsame

Amajjii 1, 2015(FBC)- Tajaajila geejjibaa uummataa qaxxaamura biyyaarratti fooyya’iinsi taariifaa taasifamuu Ministeerri Geejjibaafi Loojistikii beeksise.

Fooyya’iinsichi konkolaattota sadarkaa 1ffaa, 2ffaafi 3ffaa irratti taasifamuu eerameera.

Bu’uuruma kanaan konkolaattota sadarkaa 1ffaa daandii cirrachaafi asphaaltiin taariifa turerraa %6, konkolaattota sadarkaa 2ffaafi 3ffaaf %7 daballiin taasifamuu eerameera.

Konkolaachistoonni tajaajila geejjibaa uummataa qaxxaamura biyyaa kennan hanga taariifa kaa’ame kaffalchiisuun tajaajila akka kennan ministeerichi yaadachiisuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment