Tajaajila galmeessaafi mirkaneessa ragaalee guutumaan guutuutti diijitaalessuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Caamsaa 11, 2015(FBC)- Tajaajila galmeessaafi mirkaneessa ragaalee guutumaan guutuutti diijitaalessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Tajaajilli Galmeessaafi Mirkaneessa Ragaalee beeksise.

Yaa’iin qaamolee qooda fudhattootaa galmeessaafi mirkaneessa ragaalee federaalaafi naannolee gaggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti Daayrektara Olaanaa Tajaajila Galmeessaafi Mirkaneessa Ragaalee Dagatoo Kumbii dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaafi qooda fudhattoonni biroon argamaniiru.

Kenniinsa tajaajila galmeessaafi mirkaneessa ragaalee amanamaafi si’ataa taasisuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu daayrektarri olaanaan tajaajilichaa Dagatoo Kumbiin ibsaniiru.

Tajaajila isaa guutumaan guutuutti teekinooloojiin kan deeggarameefi oonlaayiniin taasisuuf karoorrui qabamee gara hojiitti galamuu kaasaniiru.

Yeroo ammaa tajaajila isaa %80 diijitaalessuun hojiimaata badaa to’achuun danda’amuu eeraniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Haqaa Alam’aanta Aggidaw gamasaaniin, tajaajilli galmeessaafi mirkaneessa ragaalee bu’aa qabeessummaa damee haqaaf faayidaa olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Lammiileen waliigaltee daldalaafi kanneen biroo fayyaalessa akka qabaataniif tajaajilichi gahee olaanaa ba’achaa jiraachuu addeessaniiru.

Tajaajilichi yakkoota waliin dhahiinsa ragaalee hir’isuuf sirna ammayyaa’aafi si’ataa ta’e qabaachuu qaba jedhaniiru.

Malaakuu Gadiftu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment