Finfinnee, Qaammee 5, 2013 (FBC) – Komishiniin Gumrukii Ityoophiyaa sirna bulchiinsaa yeroon barbaadu diriirsuunTajaajila fedhii maamiltootaa giddugaleeffate laataa jiraachuu ibseera.
Komishinichi bara hojii 2013 keessa dameewwan hundaan galii itti fufiinsa qabu mirkaneessuu hojii bu’aa qabeessa ta’e hojjechuu ragaan Komishinicharraa argame ni muul’isa.
Bara baajataa xumurame kanatti galii Birrii biiliyoona dhibba 1 fi biiliyoona 12 fi miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 62 ol walitti qabuu ibseera.
Raawwiin kun kan bara hojii 2012 yoo madaallame Birrii biiliyoona 7 fi miiliyoona 48 ol caalmaa qabaachuu ibsameera.
Komishinichi tajaajilawwan ammayyaa damee hundaan laachaa tureen Ejansii Madaallii mirkaneessa qulqullinaarraa beekkamtii fi waraqaa ragaa argachuu himeera.
Hojmaata badaa sirreessuuf hojii hojjeteen Komishinii Farra Malaamaltummaarraa beekkamtii fi waraqaa ragaa argachuus eereera.
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.