Finfinnee, Caamsaa 4, 2014 (FBC) – Tajaajila fayyaa qulqullina qabu fi Saffisaa ta’e kennuuf damee fayyaaf xiyyeeffannoon Kenname hojjatamuu akka qabu ibsame.
Yaa’iin barnoota fayyaa 10ffaan Yuunvarsiitii Haramayaatti gaggeeffamaa jira.
Yaa’icharratti Ministir Deetaa Ministeera Fayyaa Aadde Saaharallaa Abdallaa dabalatee bakka bu’oonni Dhaabbileee Barnoota olaanoo fi qooda fudhattoonni hirmaataniiru.
kaayyoon yaa’ichaa hanqinootaa fi ciminoota jiran adda baasuun tajaajila qulqullinaa fi saffisa qabu kennuuf ta’uu aadde Saharallaan ibsaniiru.
Kana milkeessuuf dhaabbileen barnoota olaanoo qulqullina barnootaa damee fayyaa fooyyessuuf hojjachuu qabu jedhan.
Yaa’ichi guyyoota lamaaf kan itti fufu ta’uu ibsameera.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.