Tajaajila elektirikii dhabanii kan turan Magaalonni 80 fayyadamtoota tajaajilichaa ta’an

Finfinnee, Mudde 17, 2015(FBC)- Walitti bu’iinsa kutaa Kaabaa Ityoophiyaatti mudatee tureen manca’iinsa bu’uuraalee misoomaa elektirikii mudateen magaalota 80 tajaajilichi addaan cite ture fayyadamtoota tajaajilichaa ta’uu Tajaajilli Elektirii Ityoophiyaa beeksise.

Tajaajilichis Magaalotaa 80 naannolee Tigraay, Amaaraa fi Afaaritti kan eegale ta’uun ibsamera.

Magaalota 27 hafanitti irra deebiiin walquunnamsiisuuf hojiin suphaa gaggeeffamaa jiraachuu eerameera.

Tajaajilli Elektirikii Ityoophiyaa walitti bu’iinsa mudateen bu’uuraalee misoomaa elektirikii irra miidhaa qaqqabe suphuun tajaajilli elektirikii naannawaa addaan cite deebisanii fayyadamatoota taasisuuf tattaaffii taasisaa jiraachuun ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment