Tajaajila damee gaajjibee si’ataa taasisuuf sirni tajaajila ammayyaa ifoome

Finfinnee, Eebila 30, 2012 (FBC) –Ministeerri Geejjibaa fi Innooveeshinii fi Teeknooloojii waliin ta’uun sirna tajaajila geejjibaa ammayyaa teeknooloojiin deeggarame ifoomsaniiru.

Sirni kun tajaajilmatoonni gara dhaabbilee geejjibaa qaamaan osoo hin imalin tajaajila kaffattii raawwachuun, yeroo, dhamaatii fi baasii hin barbaachifnerraa kan hambisuudha jedhame.

Sirni tajaajila kun yeroof tajaajila Abbaan Taayitaa Geejjibaa Federaalaa laatu keessaa damee muraasarratti qofa hojiirra kan oolu ta’uu daayreektarri olaanaan Inistiityuutii Teeknooloojii fi Innooveeshiin Saandookaan Dabbabaa ibsaniiru.

Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Tooknooloojii Dooktar Abrahaam Balaay,hojmaanni kun sadarkaa kanarra akka ga’uuf deeggarsa hoggantoonni damee geejjibaa taasisan galateeffataniiru.

Teeknooloojichi fayyadamuuf salphaa, tajaajilamtoonni mana ofii taa’anii tajaajila barbaadaan akka argataniif kan gargaarudha jedhan.

Damee geejjibaan hawaasaf tajaajiloota 26 oliin tajaajila si’ataa teeknooloojii ammayyaan deeggarame laachuuf karoora kaa’ameen ammallee hojii hedduun kan hafu ta’uu Ministirri Ministeera Geejjibaa aadde Daagmaawiit Mogas ibaniiru.

Teeknooloojii kun tajaajila qaamaan argatan hamsisuuf yeroo, dhamaatii fi baasii qusachuuf kan gargaaru ta’uu ragaan Ministeera Geejjibarraa argame ni muul’isa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment