Taayiwaan dandeettii ofii isheen doonii hojjette ifoomite

Finfinnee, Fulbaana 17, 2016 (FBC)- Taayiwaan dandeettii ofii isheen Doonii hojjette har’a ifoomsiteetti.

Taayiwaaniif doonii jalqabaa ta’uun kan eerame kun Pireezidaanti biyyattii Saayoo Ingiwiin bakka argamanitti ifoomeera.

Dooniin kunis dandeettii ittisaa Taayiwaan guddisuu keessatti gahee olaanaa akka qabaatu eerameera.

Keessumaa Chaayinaarraa haleellaa Taayiwaanirratti aggaamamuu malu qolachuuf ni gumaacha jedhameera.

Pireezidaantiin Taayiwaan Saayooo Ingiwiin “Seenaa Taayiwaan keessatti guyyaan har’aa yoomiyyuu ni yaadatama” jedhaniiru.

Kanaan dura dooniin dandeettii Taayiwaaniin hojjetamuu akka hindandeenye yaadamaa ture kan jedhan pireezidaantichi, amma ilaalcha sana kufaa taasisuun hojjechuun akka danda’amuu mirkaneessineerra jedhan.

Dooniin baasii Doolaara biiliyoona 1.54’n hojjetamte kun humna elektirikii fi boba’aa Naaftaan kan sochootu ta’uu BBC’n gabaaseera.

Doonittiirratti yaaliin garaagaraa erga taasifameen booda bara 2024 hojii kan eegaltu ta’uun himameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment