Taayilaanditti loltuun Mootummaa namoota nagaa 27 galaafate ajjeefame

Finfinnee, Guraandhala 1, 2012(FBC) – Taayilaanditti loltuun Mootummaa namoota nagaa 27 galaafate humna nageenyaan ajjeefameera.

Loltuun namoota nagaa 27 ajjeese, wiirtuu daladalaa keessatti halkan guutuu hordofamuun humna nageenyaan ajjeefamuu poolisiin biyyattii beeksiseera.

Loltuun mootummaa Jaakraafaant Tooma Sanbata xiqqaa kaampii waraanaa keessatti ajajaa isaa ajjeesuun meeshaa waraanaa hatee magaalatti bahe.

Loltuun kun daandiirratti nama arge hundatti dhukaasaa gara wiirtuu daldalaa naannoo Koraat jedhamuun beekamu tokkotti ol seenuun dhukaasa banuusa Poolisiin mirkaneesseera.

Namoonni Haleelichaan ajjeefaman 27 yoo ta’an 51 irraa ammoo miidhaan qaama cimaan qaqqabuu Muummeen Ministiraa biyyattii Praayutiz Chaan-Ochaan himaniiru.

Maddi:-CGTN

Comments (0)
Add Comment