Taatota damee tuuriizimi miidhamaan deeggaruuf agarsiisa suuraa onlaaynitiin Birrii miiliyoona 70 walitti qabuuf karoorfame

Finfinnee, Hagayya 27, 2012 (FBC)- Sababa vaayrasii koroonatin taatota damee tuuriizimi miidhamaan deeggaruuf agarsiisni suuraa onlaayniin hojirra akka oolu Waldaan Hooteelaa fi Maarkeetingi Ityoophiyaa beeksisan.

Waaldichi tuuristoota biyya alaa Afrikaa seenaan ga’uumsa isaanii Ityoophiyaa taasisaniif “paakeejii tuuristii’’ qopheessan jira jedhe.

Damichi sababa weerara vaayrasii koroonaatin haalaan miidhamu hoji raawwaachisaan olaanaa waldichaa obbo Taadiwoos Kiinfuu dubbataniiru.

Kanafis waaldichi taatonni damichaa miidhaa isaanirra gahee akka dandamataniif miinisteeroota innooveeshiinii fi teeknooloojii fi aadaa fi tuuriizimi waliin wal tumsuun agarsiisa onlaaynii qopheessuuf hojjeecha jiraachuu himaniiru.

Waaldichi qorannoo taasiseen agarsisichaan Birrii miiliyoona 70 walitti qabuu koroorsuu beeksiseera.

Galichaan bu’uuraale misooma diriirsuu fi warreen miidhaman miidhaa isaanirraa akka dandamataniif deeggarsa taasisuuf kan karoorfame ta’uu obbo Taadiwoos dubbataniiru.

Gama biraatin ammoo Ityoophiyaan gama adaatiinis ta’ee qabeenyawwan uumamaan hawwattuudha jedhaniiru.

Waggaatti tuuristonni biyya alaa miiliyoona 25 Afrikaa daawwatan keessa kan Ityoophiyaa daawwatan miiliyoona 1 hin guutan jedhameera.

Waaldichi tuursitonni Afrikaa bahaa daawwatan Ityoophiyaa daawwachuuf ‘paakeejii tuuristii’ jedhamu qopheessa kan jiruufi hojiin isaas %70n xumuramuu ibseera.

Kanafiis tuuristoonni Keeniyaa, Taanzaaniyaa fi Afrikaa kibba daawwatan Ityoophiyaa akka daawwataniif carraa ni uumaa jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment