Taarifni Haaraan Tajaajila Elektirikaa Fulbaana 1, 2017 eegalee hojiirra oola jedhame

Finfinnee, Hagayya 29, 2016 (FBC) – Taarifni Haaraan Tajaajila Elektirikaa Fulbaana 1, 2017 eegalee hojiirra kan oolu ta’uu Tajaajilli Elektirikaa Itiyoophiyaa beeksise.
Bara baajataa 2016 keessa dhaabbatichi galii Birrii biiliyoona 42.5 walitti qabuu Hojii Raawwachiisaan Olaanaan tajaajilichaa Injinar Shifarraaw Taliilaan himaniiru.
Bara baajataa darbe kana keessa Maamiltoota haaraa kuma 427 horachuun danda’amuu kaasaniiru.
Taarifni haaraan fooyya’ee qophaa’e Fulbaana 1, 2017 eegalee hojiirra kan oolu ta’uu dubbataniiru.
Bara baajataa 2017 keessa ammoo galii Birrii biiliyoona 58 walitti qabuuf karoorfamuu eeraniiru.
Akkaataa taarifa haaraa kanaan Maamiltoota Kiiloo Waattii 50 -200 fayyadamaniif deeggarsi kan taasiifamu ta’uu eeraniiru.
Kanneen hanga Kiiloo Waattii 50 fayyadamanif % 75, kanneen 50 -100 fayyadamaniif % 40 fi kanneen 100 -200 fayyadamaniif ammoo % 4 deeggarsi kan taasiifamu ta’uu himaniiru.
Zaman Bayyanaatu gabaase.
Comments (0)
Add Comment