Taarifa Elektirikaa fooyyessuuf qophiin taasiifamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2016 (FBC) – Taarifa Elektirikaa fooyyessuuf qophiin taasiifamaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Boba’aa fi Inarjii beeksiise.
Waggoota lamaan darbaniif taarifni elektirikaa osoo hin fooyya’in turuu hordofee dhaabbileen Humna Elektirika dhiyeessaan kisaaraa cimaan isaan muudachuu ibsameera.
Abbaan Taayitaa Boba’aa fi Inarjii, Humni Elektirikaa fi Tajaajilli Elektirikii Itiyoophiyaa fooyya’iinsa taasiifamaa jiru ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Bara 2011 – 2014 waggaa waggaan fooyya’aa kan ture taarifni elektirikaa waggoota lamaan darbaniif osoo hin fooyya’iin turuu Daayrektarri Olaantuun AbbaaTaayitaa Boba’aa fi Inarjii Aadde Saahirallaa Abdullaahiin ibsaniiru.
Kunis dhaabbilee dhiyeessitoota humna Elektirikaa kisaaraa jabaaf saaxiluu dubbataniiru.
Dhaabbileen kunneen qorannoo Taarifaa qopheessuun yaadni irratti kennamaa jiraachuu himaniiru.
Masaafinti Iyyaayuutu gabaase.
Comments (0)
Add Comment