Taanzaaniyaatti haala rakkisaarra kan turan Ityoophiyaanonni 60 gara biyyatti deebi’an

Finfinnee, Adoolessa 25, 2014 (FBC) – Lammiileen Ityoophiyaa Taanzaaniyaatti haala rakkisaa keessa turaan 60 har’a gara Ityoophiyaatti deebi’aniiru.

Taanzaaniyaatti Itti Gaafatamaan Sagantaa Dhaabbataa Godaantotaa Addunyaa Deeviid Haafmeyar, toora miidiyaa hawaasummmaa isaaniin akka ibsaniitti, lammiileen Ityoophiyaa kunneen walta’iinsa Dhaabbata Godaantotaa Adduyaa, Taanzaaniyaatti Embaasii Ityoophiyaa fi Waajjira Dhimma Gotaantotaa Taanzaaniyaan gara biyyaatti deebi’aniiru.

Deeviid Haafmeyar, marsaa afuriin gara biyyaa isaaniitti akka deebi’an Mootummaan Siwiidiin, deeggarsaa maallaqaa fi walta’iinsaa taasiseef galateeffataniiru.

Lammiileen kunneen sagantaa imalaa qabameefiin gara Ityoophiyaa deebi’uu akka danda’an haaldureewwan barbaachisoon guutamaa jiraachuu eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment