Taanzaaniyaan tumsa nageenyaa fi tasgabbiin Itiyoophiyaa waliin qabdu akka cimsit ibsite

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2016 (FBC)-Taanzaaniyaan nageenyaaf fi tasgabbiin tumsa Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsuuf kan hojjettu ta’uu Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Tajaajila Biyyaalessaa Taanzaaniyaa Isteergomeenaa Laawurens ibsan.

Isteergomeenaa Laawurens Taanzaaniyaafi Itiyoophiyaan hariiroo nageenyaa fi tasgabbiin waggoota dheeraa qabachuu himan.

Biyyoonni lameenii damichaan waliin hojjechuuf sanadaa waliigaltee mallatteessaan hojiirra oolchaa jiraachuus yaadachiisan.

Taanzaaniyaan nageenyaa fi tasgabbii naannichaa fi sadarkaa ardiitti mirkaneessuuf Itiyoophiyaa waliin tumsa qabdu cimsituu akka itti fuftu himaniiru.

Itiyoophiyaan misooma humna namaa Taazaaniyaa leenjisuun gumaacha olaanaa taasisaa akka jirtu, tasgabbii Baha Afrikaa mirkaneessuuf gahee olaanaa bahachaa akka jirtus akeekan.

Isteergomeenaa Laawuransi torbee kana Ministira Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaa Injinar Ayishaa Mahaammad waliin marii taasisuun Tajaajillii Itiyoophiyaa gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment