Finfinnee, Sadaasa 30, 2014 (FBC)-Mootummaan Taanzaaniyaa hariiroo Ityoophiyaa waliin qabu sadarkaa olaanaatti ceesisuu fi tumsa damee geejjiba qilleensa guddisuuf fedhi akka qabu Ityoophiyaatti haara kan muudaman Ambaasaaddarri biyyatti Inoosantaan Uguunii ibsaniiru.
Ambaasaaddarichi galagalchaa xalayaa muudama isaanii Ministeera Dhimma Alaatti itti aanaan dhimmoota pirootokoolii Ambaasaaddar Alamaayyoo Sawaagaanyiif laataniiru.
Ambaasaaddar Alamaayyoon Ityoophiyaa fi Taanzaaniyaan hariiroo baroota dheera qabachuusaanii ibsaniiru.
Ammas hariiroon biyyoota lamaanii cimee itti fufuu ambaasaaddarichi ibsaniiru.
Dameewwan invastimantii, daldalaa fi tuurizimiirratti hariiroo qaban cimsaanii itti fufuu Ityoophiyaan fedhii qabdi jedhan Ambaasaaddar Alamaayyoo.
Bishaan Abbayaarrattis itti fadamummaan haqa qabeessaa akka jiraatuu ejjennoon jiru sirri ta’uusaa ibsuun, itti fayyadamaa hunda galeessaa Naayil waliigalteen mallatta’uu fi raggaasisuu galateeffataniiru.
Ambaasaaddar Inoosaantaan Uguunii gama isaaniin, Taanzaaniyaan hariiroo Ityoophiyaa waliin qabdu sadarkaa olaanaatti guddisuu ni feetii jechuusaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarra argamee ni muul’dhisa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.