Taaksii mootummaa Birrii biiliyoona 30 ol miidhaa qaqqabsiisuun kan shakkame mirga wabii dhorkamuun mana amala sirreessaa akka seenu ajajame

Finfinnee, Qaammee 3, 2015 (FBC) – Manni Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddiin Lidataa dhaddachi malaammaltummaa 1ffaa shakkamaa Taaksii mootummaarra Birrii biiliyoona 30 ol miidhaa qaqqabsiisuun himatame mirga wabii dhorkuun mana amala sirreessaa akka seenu ajajeera.

Ministeera Haqaatti Daayrektoreetiin dhimmoota Diinagdee himmanna dachaan himachuun kan yaadatamuudha.

Himatamaan maqaa sobaa Salamoon Muluu Kaawun jedhamuun waraqaa eenyummaa qopheeffachuun eeyyama daldalaa baafachuun, sanadoota gibiraa sobaa fayyadamuu dhaabbata Hojiilee Daldalaa Juppiitar jedhamuun dhaabbilee fi namoota dhuunfaa Nagahee raabsaa turuu abbaan alangaa himata isaa keessatti eereera.

Himatamichi Nagahee sobaa qopheesse raabsuun bu’aa daldalaa fi Taaksii dabalata galii Birrii biiliyoona 13 fi miiliyoona 147 fi kuma 368 ol miidhaa qaqqabsiisuuni himatameera.

Dabalataan himatamaan kun kaffaltoota Gibiraa 339f nagahee kuma 1 fi 663 raabsuun Waajjiraalee Galiiwwanii 15 keessatti galteewwan Taaksii deebi’aa fi Bu’aa daldalaa Birrii biiliyoona 25 fi miiliyoona 989 fi kuma 943 ol waliin dhahuun himatameera.

Waliigalaan Birrii biiliyoona 30 ol Taaksii mootummaarraa miidhaa qaqqabsiisuun yakkaan himatameera.

Himatamaan himanni erga qaqqabee booda mirgi wabii akka eegamuuf dhaddacha dabareef gaaffii dhiyeesseera.

Manni murtichaa gaaffii dhiyaate kuffisuun himatamaan mana amala sirreessaa akka turu ajajeera.

Shakkamaan himaticha kan mormu yoo ta’e Onkololeessa 8, 2016 tti akka dhiyeeffatu beellameera.

Taarik Addunyaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment