Swiidiin hojiiwwan riifoormii Ityoophiyaa akka deeggartu ibsite

Finfinnee, Amajjii 4, 2013 (FBC)- Ministirri Nageenyaa aadde Mufaariiyaat Kaamil Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Swiidiin Haans Heenriik waliin mari’ataniiru.
Aadde Muufaariyaat mootummaan Swiidiin Ityoophiyaatti damee barnootaa, daa’immanii fi dubartootaa, ijaarsa nageenyaa akkasumaas adeemsa riifoormii waliigalaa irratti deeggarsa jiru galateeffataniiru.
Ambaasaaddar Swiidiin gama isaaniin, biyyi isaanii hojiiwwan riifoormii Ityoophiyaa cimsitee akka deeggartu himaniiru.
Ministirri Nageenyaa aadde Mufaariiyaat mootummaan naannoo Kaaba biyyatiitti tasgabbiin barbaachisu akka uumammuu fi hojii deebisanii dhaabuu irratti xiyyeeffannoo hojjechaa akka jiru hubachiisaniiru.
Dhumarratti hariiroonn biyyoota lameenii baroota dheeraaf ture cimee akka itti fufu waadaa seenaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya
https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment