Suphaan utubaa sarara elektirikaa Awaash 2- Asallaa xumurame

Finfinnee, Eebila, 2014 (FBC) – Suphaan utubaa sibiilaa sarara elektirikaa abbaa kiiloovooltii 132 Awaash 2- Asallaa hattootaan kutamee jigee ture xumuramuu Humni Elektirikaa Ityoophiyaa beeksise.

Bitootessa 24, 2014 naannoo aanaa Doddotaa fi magaalaa Geeraatti saamicha raawwatameen utubaan sarara elektirikaa lama jiguun naannichatti gar-tokkoon tajaajilli elektirikaa addaan citee turuun kan yaadatamufdha.

Hojiin suphaa guyyootaaf hojjetamaa ture guyyaa har’aa xumuramuun kenniinsi tajaajila elektirikaa kan eegalu ta’uu ragaan Humna Elektirikaa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment