Suphaan sarara elektirikii Qobboo-Allaamaaxaa %50 xumuramuun ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2015(FBC)-Suphaan elektirikii Qobboo hanga Allaamaaxaa gaggeeffamaa jiru %50 xumuramuu Tajaajilli Elektirikii Ityoophiyaa beeksise.

Bu’uuraalee misoomaa elektirikii haleellaa garee shororkeessaa ABUT’n manca’an hojiin suphuu cimee itti fufuu Daayrektarri Distiriktii Waldayaa Obbo Shimallis Waldasamaayaat ibsaniiru.

Hojiin suphaa bu’urraalee misoomaa elektirikii gaggeeffamaa jirus sarara elektirikii Qobboo –Allaamaaxaa- Laaliibalaa ta’uu dubbataniiru.

Hojiin suphaa kun boqonnaa lamatti qoodamee gaggeeffamaa jiraachuu Obbo Shimallisa dubbachun, hojjettonni distiriktichaa bobbaafamuun torban tokko keessatti hojichaa xumuruuf hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru.

Naannawichatti miidhaa olaanan bu’uuraalee misoomaa elektirikiirra qaqqabuu ibsu ragaan tajaajilicharraa argame ni mul’isa.

Naannawaa Walloo Kaabbatti utubaaleen konkiriitii 10 fi tiraanisfoormaroota 46 olirra miidhaa olaanaan qaqqabuu himaniiru.

Kana malees hojiilee misooma jallisiin mukkeen utubaa elektirikiif dhaabaman guutummaatti faayidaan ala ta’uu ibsaniiru.

Daayrektarichi dabalataan, sarara daddabarsaa elektirikii gidduu dameelee mukkeenii seenan qaamoleen bulchiinsaa dhimmichi ilaallatu, hawaasa hirmaachisuun hojii dameelee qeexxa’uu akka gaggeesan dhaamaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment