Finfinnee, Muddee 9, 2014 (FBC) – Suphaan Sarara daddabarsa Humna Elektirikaa abbaan Kiiloo Vooltii 230 Kombolchaa – Samaraa xumuramuun hojiin yaalii gaggeeffamaa jiraachuu Humni Elektirikii Ityoophiyaa beeksiise.
Sararri daddabarsa humna Elektiraa Burqaa fi Kaasaagiitaa gareen shororkeessaa ABUT miidhaa olaanaa irra qaqqabsiisee ture guutuumaa guutuutti suphamuu Hojii Raawwachiisaan Damee Oppireeshinii Buufata Raabsaalee fi Sarara Daddabarsaa Humna Elektirikaa Ityoophiyaa obbo Habtaamuu Wuubeen ibsaniiru.
Magaaloonni naannoo Afaar Sarara daddabarsaa Humna Elektitikaa Kombolchaa – Samaraarraa humna elektirikaa argachaa turan humna guutuu akka argatan sararoota kanneen suphuun hojiin yaalii gaggeeffamuu ibsaniiru.
Buufanni Rabsaa Samaraa guyyaa har’aa akka humna argatu taasiifamuu ibsameera.
Sararoonni raabsaa kunneen wayita qophii ta’an magaaloonni naannoo Afaar Miillee, Diichootoo, Loogiyaa fi Samaraa dabalatee magaaloonni hedduun humna Elektirikaa kan argatan ta’uu Humni Elektirikaa Ityoophiyaa beeksiseera.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.