Finfinnee, Sadaasa 8, 2014 (FBC) –Suphaa Masaraa Abbaa Jifaar adda citee ture itti fufsiisuuf waliigalteen haaraan mallattaa’eera.
Baasiin ba’ee fi hojiin hojjetamaa jiru walhin madaalu jechuun Abbaan Taayitaa Eeggumsaa fi Qorannoo Hambaalee hojiin suphaa eegalame ture akka adda citu taasiisuu baatii sadi dura Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif ibsuun kan yaadatamuudha.
Abbaan Taayitichaa haaromsa adda citee itti fufsiisuuf Tajaajila Eeggumsa Gamoowwanii fi Iddoolee Seenaa qabeeyyii Pilaaneet jedhamu waliin waliigaltee mallatteesseera.
Haaromsichaaf Birrii miiliyoonni 8 ramadamuu fi waggaa 1 fi baatii 4 keessatti kan xumuramu ta’uu Itti Aanaa Hogganaan Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa obbo Hundee Kabbadaan ibsaniiru.
Hojiin Suphaa masarichaa hanga xumuramutti Bulchiinsi magaalaa Jimmaa deeggarsa barbaachisu hunda kan taasiisu ta’uu Kaantibaan magaalichaa Obbo Najiib Abbaa Raayyaa himaniiru.
Muktaar Xahaatu gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.