Finfinnee, Bitootessa 2, 2015 (FBC) – Sulxaan Ahimad Aliimiiraahi naannoo Afaar magaalaa Samaraa galaniiru.
Sulxaan Ahimad Aliimiiraahi wayita Samaraa ga’an Pireezidaantii naannichaa Obbo Awwal Aarbaa dabalatee hoggantoota mootummaa naannichaa, Abbootii amantaa kutaalee hawaasaan simatamaniiru.
Sulxaan Ahimad ilma Sulxaan Aliimiiraahi yoo ta’an Bitootessa 4,2015 Sulxaan 15ffaa ta’uun aangoo sulxaanummaa ni fudhatuun eegama.
Sulxaan Ahimad Aliimiiraahin guyyaa kaleessaa Ameerikaa Finfinnee galuun isaanii ni yaadatama.
Saamu’eel Warqaayootu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.