Sulultaatti balaa konkolaatatiin miidhaan qaqqabe

Finfinnee, Caamsaa 17, 2012 (FBC) – Magaalaa Sulultaatti balaa konkolaatatiin miidhaan qaqqabe.
 
Balichi kan qaqqabe kaleessa toora 10 Kiiloo jedhamutti.
 
Konkolaataan fe’umsaa lakkoofsa gabate 3-91969 AA ta’e magaalaa Shararoo irraa aannan fe’ee gara magaalaa Finfinnee deemaa ture, konkolaataa Miinibaasii ummata deddeebisu lakkoofsa gabatee 3-57960 OR ta’een walitti bu’uun kan uumamedha.
 
Akka qindeessaan diiviizhinii tiraafikaa Qajeelcha Pooliisii magaalaa Sulultaa Inispeektar Kabbadaa Dinquun ibsanitti, ka’umsi balaa kana aritii humnaa oliiti.
 
Waajjirri Dhimmoota Koominikeeshinii magaalichaa akka beeksisetti, balaa kanaan namoota 4 irratti miidhaa cimaan, namoota 3 irratti ammoo miidhaa salphaan qaqqabeera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Comments (0)
Add Comment