Sulula Malkaa Qunxurree galmee ‘UNESCO’ irratti galmeessuuf hojjetamaa jiraachuu Abbaan Taayitichaa beeksise

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2013 (FBC) – Sulula Malkaa Qunxurree galmee ‘UNESCO’ irratti galmeessuuf hojjetamaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Eegumsaa fi Qorannoo hambaalee Federaalaa beeksise.

Abbaan Taayitichaa Hambaale Naannoo Oromiyaatii fi Kibbaatti argamaan ogeessotaa miidiyaa daawwachisaa jira.

Yeroo ammaa kanas Malkaa Qunxurree Dhaabbata Bartootaa, Saayinsii fi Aadaa Mootummoota Gamtoomaniitti /UNESCO/ irratti galmeessuuf sanadni gara dhaabbatichaatti ergamuu Daayrektarrii Olaanaan Abbaa Taayitaa Eegumsaa fi Qorannoo hambaalee Federaalaa obbo Anduu’alaam Girmaayi himan.

Sanadni ergame hamma qulqullaa’ee deebi’uuttis hojjiin hambaa kana beeksisu hojjetamaa jiraachuus himan.

Hogganaan Sululaa Malkaa Qunxurree obbo Tesfaayee Tasamaaa hambaalee biyya keenya jiran keessaa kan adda isa taasisus hambaa dhala Namaa,bineensoota,meeshaalee namoonni durii itti fayyadamaa turan kanneen akka Dhakaafi bakaa Faanaa Miilaa nama durii keessatti kan aargamu ta’uu himan.

Akka Dhaabbanni Pireessi Ityoophiyaa gabaasetti hanga ammaattis bolli qotiinsaaf ta’an 65 jiran keessa 30 qotamuun qorannoon irraatti gaggeeffamuu himaniiru.

Namoonni qaronnaa naannoo kanatti gaggeessaa turanis lammiilee biyyaa alaati kan jedhan Obbo Tesfaayeen,kanaaf qorattoonni biyyaa keenyaa irratti hirmachuu qabu jedhan.

Naannichaattis Muuziyeemiin bara 2007 ijaaramuun daawwattootaaf baanaa ta’uus himaniiru. Malkaan Qunxurree waggatti namoota kuma 5 ta’aniin akka daawwatamus Obbo Tesfaayeen himaniiru.

Fuula feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa yuutyuubii keenyan nu hordofuuf fbc afaan oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna!

Comments (0)
Add Comment