Sudaanitti lolaan iddoowwan arkiyoolojii balaaf saaxile

Finfinnee, Qaammee 3, 2012 (FBC) – Sudaanitti lolaan iddoowwan arkiyoolojii balaaf saaxile.

Lagni Naayil akka malee guutee lolaa uumameen iddoowwan arkiyoolojii murteessoo ta’an Kaaba magaalaa Kaartuum jiran balaaf saaxilamanii jiru.

Hambaa addunyaa ta’uun kan galmaa’ee piiraamidoonni qarooma Meero’ee duriin ijaaraman Al-Bajrawiya kanneen miidhaman keessaa tokko jedhu arkiyoolojistoonni.

Aanga’oonni biyyattii bishaan ujummoon harkisanii achii baasanii iddoowwan seena qabeessa ta’an kana baraaruuf akkasumas qalqala cirrachaan guutameen keenyan tolchanii lolaa irraa ittisuuf yaalaa jiru.

Sudaan rooba hamaa roobeen balaan lolaa guddaa kan ishee mudate yoo ta’u, mootummaan labsii yeroo muddamaa labsee jira.

Namootni 100 ta’an balaa lolaa kanaan lubbuu dhabaniiru.

Lolaan masaraa Muummeen Ministiraa Sudaan Abdallaa Hamdook kan Kaaba Kaartuum jirullee gahee ture garuu achitti miidhaa hin dhaqqabsiifne.

Maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment