Sudaanitti lammiilee naannawaa waraanaa keessa hojiin baasuu gaggeeffamaa jirachuun ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2016 (FBC) – Sudaanitti haalaa yeroo mudate hordofee lammiilee sababa garaagaraatiin naannawaa waraannni jiru keessaa bahuu hindandeenye mootummaan hojiin achii baasuu gaggeessaa jiraachuun ibsame.

Hojiicha qindeessa kan jiru koreen sadarkaa biyyaalessatti hundeeffamee Onkololeessa 23, 2016 konkolaattota deebitootaa qabate Kaartum irraa gara Itiyoophiyaa akka galan taasisuun himameera.

Korichi deebitoonni maatii isaanii bira hanga ga’anitti deeggarsa barbaachisaa taasisaa jiraachuu ibsuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Kanaan dura lammiilee Itiyoophiyaa kuma 34 fi 700 ol naannawaa waraanaa keessaa bahuun gara biyya isaanii galuu yaadachiiseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment