Sudaanitti Feestivaalli “Guyyaa Michooma Uummata Afrikaa” gaggeeffame

Finfinnee, Hagayya 30, 2014(FBC)- Feestivaalli “Guyyaa Michooma Uummata Afrikaa” Sudaan, Mana Maree Michooma Idil Addunyaa Sudaanitti gaggeeffameera.

Feestivaalicharratti imbaasiifi lammiileen biyyoota Afrikaa teessoo isaanii Sudan taasisatan hirmaachuu ibsameera.

Sudaanitti imbaasiin Ityoophiyaafi lammiileen Ityoophiyaa biyyattii jiraatan nyaata aadaa Ityoophiyaa fi dhiichisa aadaa garaagaraa hirmaattota feestivaalichaaf dhiyeessaniiru.

Dabalataanis hojiin filannoowwan invastimantii, daldalaafi turizimii Ityoophiyaa beeksisuu hojjetamuu ibsameera.

Sudanitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Yibalxaal A’imiroon feestivaalicharratti haasawaa taasisaniin, Afrikaanonni qabeenya aadaa bal’aa qaban beeksisuufi hariiroo isaanii cimsuuf faayidaan feestivaalichaa olaanaa ta’uu eeraniiru.

Hariiroo aadaafi uummataa Ityoophiyaafi Sudaan cimsuuf tattaaffii Manni Maree Michoomaa Sudaan taasisu dinqisiifataniiru.

Feestivaalichi hariiroo uummata biyyoota lameenii daran cimsuuf carraa gaarii uumuu ragaan Sudaanitti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment